LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Baga Nagaan Dhufte
Laayibrariin kun barreeffamoota Dhugaa Baatonni Yihowaa afaan garaa garaatiin qopheessan irratti qorannoo gochuuf gargaara.
Barreeffamoota buufachuuf, weebsaayitii jw.org ilaali.
  • Harʼa

Jimaata, Onkoloolessa 16

Garaan kee gara daandiiwwan ishiitti akka goru hin godhin. Gara karaa ishiittis hin gorin.—Fak. 7:25.

Seenaan Solomoon barreesse wanta tajaajilaa Yihowaa kamiyyuu mudachuu dandaʼu argisiisa. Namni tokko cubbuu cimaa erga raawwatee booda utuu itti hin yaadin akkuma tasaa cubbuu sana akka raawwate dubbata taʼa. Taʼus, wanta raawwaterratti yeroo yaadu cubbuu sana raawwachuusaa dura tarkaanfii dogoggoraa fudhatee akka ture hubachuunsaa hin oolu. Cubbuu sana raawwachuusaa dura hiriyoota Yihowaa hin jaallanne horatee, bashannana gaarii hin taanerratti hirmaatee, weebsaayitii gaarii hin taane ilaalee ykn iddoo Kiristiyaanotaaf hin taane dhaqee taʼuu dandaʼa. Tariimmoo kadhachuu, Kitaaba Qulqulluu dubbisuu, walgaʼiirratti argamuu ykn tajaajilarratti hirmaachuu dhaabee taʼuu dandaʼa. Akkuma dargaggeessa kitaaba Fakkeenyaarratti ibsamee, namni kun cubbuu kan raawwate akkuma tasaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Kanarraa maal baranna? Cubbuurraa qofa utuu hin taʼin, tarkaanfiiwwan cubbuu raawwachuutti geessanirraas fagaachuu qabna. Solomoon seenaa kana erga dubbatee booda qabxii kana ifa godheera.—Mat. 5:29, 30. w24.07 16 key. 10-11

Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2026

Sanbadduraa, Onkoloolessa 17

Qabeenya gatii guddaa qabu kana qodaa suphee keessaa qabna.—2 Qor. 4:7.

Qabeenyi gatii guddaa qabu kun maalidha? Hojii ergaa mootummichaa lallabuu isa lubbuu namootaa baraarudha. (2 Qor. 4:1) Qodaa suphee kan jedhamanoo eenyufaʼi? Tajaajiltoota Waaqayyoo misiraachicha warra kaanitti himanidha. Bara Phaawulositti daldaltoonni okkotee nyaata, wayinii fi maallaqa dabalatee wantoota gatii guddaa qaban ittiin fuudhanii imalan qabu turan. Haaluma wal fakkaatuun Yihowaanis misiraachicha isa ergaa gatii guddaa qabu taʼe imaanaadhaan nutti kenneera. Gargaarsa Yihowaatiin cimina amanamummaadhaan ergaa keenya lallabuuf nu barbaachisu qabaachuu dandeenya. Yeroo tokko tokko namoonni nu mormuu ykn ergaa keenyaaf fedhii dhabuu dandaʼu jennee sodaanna taʼa. Miira akkasii moʼuu kan dandeenyu akkamitti? Kadhannaa ergamoonni akka hin lallabne yeroo ajajamanitti dhiheessan ilaali. Sodaadhaan moʼamuu mannaa ija jabina guddaadhaan dubbachuu isaanii akka itti fufan akka isaan gargaaru Yihowaa kadhataniiru. Yihowaanis yeruma sana kadhannaa isaaniitiif deebii kenneera. (HoE. 4:18, 29, 31) Yeroo tokko tokko sodaan yoo sitti dhagaʼame, Yihowaan sodaa sitti dhagaʼamu jaalala namootaaf qabduun moʼuuf akka si gargaaru kadhadhu. w24.04 16 key. 8-9

Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2026

Dilbata, Onkoloolessa 18

Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee haa qulqullaaʼu.—Mat. 6:9.

Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu maqaasaa qulqulleessuuf nu kakaasa. Arrabsoo Seexanni soba isaatiin maqaa Yihowaarratti fide qulqulleessuurratti gaʼee qabaachuu barbaanna. (Uma. 3:1-5; Iyo. 2:4; Yoh. 8:44) Tajaajila keenyarratti namoota dhagaʼuuf fedhii qaban hundumaatti dhugaa himuudhaan Waaqa keenya cinaa dhaabbachuuf fedhii qabna. Namoonni hundi amallisaa inni guddaan jaalala akka taʼe, akkaataan inni itti bulchu qajeelaa fi haqarratti kan hundaaʼe akka taʼe, akkasumas Mootummaansaa yeroo dhihootti rakkina hunda balleessuudhaan ilmaan namootaatiif nagaa fi gammachuu akka fidu akka beekan barbaanna. (Far. 37:10, 11, 29; 1 Yoh. 4:8) Waaʼee Yihowaa wantoota kana yeroo namootatti himnu maqaasaa qulqulleessina. Maqaa keenya wajjin walsimnee jiraachaa akka jirru beekuun keenyas nu gammachiisa. w24.05 18 key. 12

Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2026
Baga Nagaan Dhufte
Laayibrariin kun barreeffamoota Dhugaa Baatonni Yihowaa afaan garaa garaatiin qopheessan irratti qorannoo gochuuf gargaara.
Barreeffamoota buufachuuf, weebsaayitii jw.org ilaali.
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2026 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi